Ijaarsi daandii saffisaa Awutoobisii Jamoo 2 – Jeneraal Wiingeet eegalame

Finfinnee, Waxabajjii 20, 2012 (FBC) –Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad fi Itti aanaa Kaantibaan magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uumaan Ijaarsa daandii saffisaa Awutoobisii Jamoo 2 – Jeneraal Wiingeet eegalchiisan.
 
Daandichi waliigala Kiiloo meetira 20 kan dheeratu yoo ta’u, kallattii lamaan diriirfama.
 
Daandiin saffisaa kun kutaa bulchiinsa magaalaa Addis Katamaa, Qiirqoosii fi Kolfee Qaraaniyootti buufata ni qabaata jedhame.
 
Yeroo itti aanu proojaktiiwwan daandii saffisaa 20 ol hojjechiisuuf karoorfamuu Injiinar Taakkalaan ibsaniiru.
Bulchiinsi magaalichaa rakkoo geejjibaa furuuf geejjiba heddumataa ammayyeessuu fi guddisuuf kan hojjettu ta’uu himaniiru.
 
Proojaktoonnii kunneen qulqullinaa fi yeroo jedhame keessatti akka xumuramaniif xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uu Injiinar Taakkalaan dubbataniiru.
 
Ijaarsi daandii saffisaa kun dhaabbata Faransaayiin kan gaggeeffamu ta’uu ragaan Waajjira Kaantibaa magaalaa Finfinneerra argame ni muul’isa.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment