Ijaarsi daandii  Haaweelaa- Tuulaa- Wataraareesa-Yaayyuu- Waraanchaa ifatti eegale

Finfinnee, Gurraandhala 2, 2013 (FBC)-Naannoo Sidaamaa olla naannoo Oromiyaa waliin walagarsiisuun giddugala kibba Ityoophiyaa waliin kan walqunnamsiisuu ijaarsi daandiin Haaweelaa- Tuulaa- Wataraareesa-Yaayyuu- Waraanchaa ifatti eegaleera.

Ijaarsi daandii asfaaltii kun kiiloo meetirri 84.7  yoo ta’u waggoota 3 keessaatti ni xumuramaa jedhameera.

Sirna ijaarsa proojaktichaa egalchiisuu irratti Ministirri Ministeera Geejjibaa aadde Daagimaawit Mogasii fi Preezdantii mootummaa naannoo Sidaamaa Dastaa Leedmoo dabalatee hoggantoonni hojii olaanoo ferederaalaa fi naannoo argamaniiru.

Ijaarsa daandichaaf baasiin Birrii biiliyoonni 1 fi miiliyoonni dhibbi 8 fi miiliyoonni 79 fi kumni dhibbi 8 fi kumni 83 fi 516 mootummaa Ityoophiyaatin uwwifama jedhameera.

Silabbat Maannayeetu gabaase

Fuula feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa yuutyuubii keenyan nu hordofuuf fbc afaan oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna!
Comments (0)
Add Comment