Ijaarsi Daandii Gudar-Waayyuu obbo Shimallis Abdiisaan daawwatame

Finfinnee, Eebila 27, 2012 (FBC) – Ijaarsi Daandii Gudar-Waayyuu obbo Shimallis Abdiisaan daawwatame.

Ijaarsi Daandii Gudar-Waayyuu kilo meetra 97 Godina Shawaa Lixaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa Wal quunnamsiisu baajata Oromiyaa Birrii biiliyoona 1.1 oliin ijaaramaa jiru Preezdaanti Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan daawwatame.

Daandiin Gudar – Waayyuu aanaalee Tokkee Kuuttaayee fi Jimmaa Raareef tajaajila hawaasaa kan kennudha.

Ijaarsii daandii kanaa bara dhufutti xumuramuu akka qabu obbo Shimallis kallattii kaa’aniiru.

Kominikeeshinii Godina Shawaa Lixaa akka beeksisetti daandichi ummata miiliyoona10 ol ni tajaajila jedhamee tilmaamama.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment