Ijaarsi daandii Buufata Konkolaataa – Massaalamyaa – 18 eegalame

Finfinnee, Amajjii 21, 2012 (FBC) – Ijaarsi daandii Buufata Konkolaataa – Massaalamyaa – 18 eegalame.
 
Daandichi kiilo meetira 3.4 kan uwiisu yammuu ta’u, bal’ina meetira 40 qaba.
 
Riqaan laga ceesisu kan dheerina meetira 75 qabus ijaarsichaan qabameera.
 
Riqaaleen daandii horaatin walqunnamsiisan 2 kan dheerina meetira 20 qaban, riqaan mijeessituu 1 fi hidhi tumsaa qabamaniiru.
 
Ijaarsasaa dhaabbanni Chaayinaa Reelweey Gruup kan fudhate yammuu ta’u, to’annaammoo Yuunaaytid Koonsaltiing qabateera.
 
Proojaktichi Birrii biiliyoona 1.2 gaggeeffama.
Comments (0)
Add Comment