Ijaarsi daandii aspaaltii Waraabee Boozhabar eegalame

Finfinnee, Muddee 16, 2012(FBC)- Ijaarsi daandii aspaaltii Waraabee Boozhabar (Waraabee- Kutarree – Qaawwaa – Qottoo – Boozhabar) eegalame.
 
Ijaarsi daandichaa kiilo meetira 40.5 kan uwwisu yammuu ta’u, har’a bakka itti aanaan preezdaantii mootummaa naannoo Kibbaa obbo Ristuu Yirdaaw, ministirri Nageenyaa aadde Mufariyaat Kaamiil, ministirri Geejibaa aadde Daagmaawiit Moogasii fi daayreektarri olaanaa Abbaa Taayitaa Daandiiwwanii Ityoophiyaa Injiinar Haabtaamuu Taganyifaan argamanitti jalqabsiifameera.
 
Daandichaaf baajatni Birrii miiliyoona dhibbi 7 fi miiliyoona 95 qabameera.
 
Daandin kun magaalota godinaatti bal’ina meetira 21.5, gandootatti ammoo bal’ina meetira 12 qabaata.
 
Ijaarsi daandichaa waggaa lamaan dura hanqina humnaa dhaabbata ijaarsaa biyya keessatiin adda cituun isaa ni yaadatama.
Comments (0)
Add Comment