Finfinnee, Bitootessa 18, 2017 (FMC) – Kiiloomeetira 59 kan dheeratu Ijaarsi daandii Aspaaltii Gincii-Shikutee % 72 irra gahuu Bulchiinsi Daandiiwwanii Itiyoophiyaa beeksise.
Aanaalee fi Gandoota Godina Shawaa Lixaa kan walqunnamsiisu qaama Piroojektii Daandii Gincii – Kaashis – Culluxee boqonnaa 1ffaa kan ta’e Ijaarsi daandii Aspaaltii Gincii- Shikutee % 72 irra gahuu himeera.
Kiiloomeetira 62.2 kan dheeratu piroojketichi aanaalee fi magaalaatti bal’ina meetira 19, naannawaa gandaatti bal’ina meetira 14.2, naannawaa baadiyyaatti ammoo bal’ina meetira 10 akka qabu ibsameera.
Ijaarsi pirojektichaa kanaan dura rakkoo nageenyaan danqamee turuu kan yaadatamu yoo ta’u, tattaaffii qaamolee qooda fudhattootaa waliin taasifameen yeroo ammaa karoora qabameen hojjetamaa jiraachuun eerameera.
Daandichi baajata mootummaa Birrii miiliyoona 800 fi miiliyoona 98 fi kuma 200 fi kuma 73 oliin kan ijaaramu ta’uun eerameera.
Ijaarsi daandii kanaa gandoota, aanaaleefi magaalota toora daandicharratti argaman walitti hidhuurra darbee bu’aalee oomishaalee qonnaafi beelladootaa gabaaf dhiyeessuu keessatti qooda olaanaa qabaachuu ragaan Bulchiinsa Daandiiwwanii Itiyoophiyaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia