Ijaarsi daandii Aspaaltii Adeelee – Giraawaa Kiiloo Meetirri 53 har’a eegalame

Finifnnee, Fulbaana 30, 2013 (FBC) –Proojaktiin Ijaarsa daandii Aspaaltii Adeelee – Giraawaa baajata birrii biiliyoona 1.4niin ijaarramu Kiiloo Meetirri 53 har’a ifatti eegalamuu Abbaan Taayitaa Daandiiwwanii beeksise.
 
Sirna eegalchiisa ijaarsa proojektii daandii kanarratti preezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa dabalatee hoggantoonni olaanoon federaalaa fi naannolee argamaniiru jedhame.
 
Eegalamuun ijaarsa daandii kanaa gaaffiilee bara dheeraa jiraattoota naannawaa sanaa kan deebisuu fi biyyaaf faayidaa diinagdee olaanaa kan qabu ta’uu preezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan dubbataniiru.
 
Ijaarsi daandichaa yeroo kaa’ameef keessatti akka xumuramu dhimmoonni kabachiisa daangaa fi beenyaa waliin walqabatee ka’u ariitiin furamuu akka qabu itti aanaan daayreektar Abbaa Taayitaa Daandiiwwanii obbo Sisaay Baqqalaa ibsaniiru.
 
Milkaa’ina Proojektii kanaaf qaamooleen dhimmi ilaallatu hundi deeggarsa barbaachisu taasisuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
 
Daandiin Adeelee –Giraawaa waggoota 50 oliif sadarkaa cirrachaan tajaajila turuu isaa ibsameera.
 
Baasiin ijaarsa daandii kanaaf barbaachisu hundi baajata mootummaa Ityoophiyaan kan uwwifamu ta’uu ragaan Abbaa Taayitaa Daandiiwwan Ityoophiyaarraa argame ni agarsiisa
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment