Ijaarsi daandii Asfaaltii naannoolee sadi walqunnamsiisu eegalame

Finfinnee, Muddee11, 2012 (FBC) – Ijaarsi Daandii Asfaaltii Oromiyaa, Naannoo Kibbaa fi Gaambeellaa qaxxaamuraan walqunnamsiisu eegalame.

Daanichi km 140.2 kan dheeratu yoo ta’u, Jimmaa, Boongaa, Miizan Teeppii, Gaambeellaa, Goree, Mattuu fi Finfinnee karaa qaxxaamuuraan walqunnamsiisa jedhameera.
Ijaarsi Daandii Goree- Maashaa- Teeppii kun bakka hoggantoonni feederaalaa fi naannoolee argamanitti har’a ifatti eegalameera.

Ijaarsi isaa Birrii biiliyoona 4.5 kan gaafatu ta’uu Daayrooktooreetiin Koomiiniikeeshiinii Abbaa Taayitaa Daandiiwwanii Ityoophiyaa beeksiseera.

Proojektichi baadiyaatti meetira 10, naannoo magaala gandaatti meetira 12, magaala aanaatti meetira 19 fi magaala godinaatti meetira 21.5 bal’ina ni qabaata jedhameera.

Dhaabbata Kooriiyaa Kibbaa ‘Haayuundaay Deevilooppimant’ jedhamuun kan hojjetamu yoo ta’u hojiin gorsaa fi too’annoo dhaabata Injinariingii Luusoong jedhamuun raawwata jedhameera.

Hojiin isaa waggaa 4 fi Baatii 6 keessatti kan xummuramu yoo ta’u, hawaasa naannoof rakkoo hawaasummaa, Siyyaasaa fi Diinagdee ni fura jedhamee kan itti amaname akka ta’e ibsameera.

Comments (0)
Add Comment