Ijaarsi CDC tumsi Afrikaafi Chaayinaa cimaa dhufuusaaf argisiistuudha- Minstira Dhimma Alaa Chaayinaa

Amajjii 3, 2015(FBC)- Ijaarsi Giddugala To’annoofi Ittisaa Dhibeewwanii Afrikaa (CDC) tumsi Afrikaafi Chaayinaa cimaa dhufuusaaf argisiistuu ta’uu  Minstirri Ministeera Dhimma Alaa Chaayinaa Chiin Gaang ibsan.

Ijaarsi boqonnaa jalqabaa Waajjira Olaanaa Giddugala To’annoofi Ittisa Dhibeewwanii Afrikaa guyyaa har’aa eebbifameera.

Minstirri Ministeera Dhimma Alaa Chaayinaa Chiin Gaang sagantaa eebba giddugalichaarratti haasawaa taasisaniin, ijaarsi giddugalichaa tumsi Afrikaafi Chaayinaa cimaa dhufuusaaf argisiistuu ta’uu ibsaniiru.

Chaayinaan deeggarsa Afrikaaf taasistu cimsitee kan itti fuftu ta’uus mirkaneessaniiru.

Keessumaa dameewan bu’uuraalee misoomaa daandii, misooma magariisaa, ijaarsa diinagdee diijitaalaafi invastimantiin deeggarsa ni taasisti jedhan.

Waltajjiiwwan idil addunyaatti dhageettii Afrikaan qabdu akka mirkanaa’uuf Chaayinaan deeggarsa taasistu cimsitee kan itti fuftu ta’uu kaasaniiru.

Wandiwasan Araggaanyitu.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment