Finfinnee, Bitootessa 17, 2017 ( FMC) – Itiyoophiyaan bu’uuraalee misoomaa diinagdee diijitaalaa biyyoota Afrikaaf barnoota ta’u ijaaraa jiraachuu Mootummoota Gamtoomaniitti Komishiniin Diinagdee Afrikaa ibse.
Komishinichatti Itti gaafatamaan Kutaa Kalaqaafi Teeknooloojii Dooktar Maaktaar Saak, Itiyoophiyaan xiyyeeffannoo ijaarsa diinagdee diijitaalaaf kenniteen carraa hojii uumuufi invastimantiirratti jijjiirama bu’uuraa galmeessaa jitrti jedhan.
Guddinni hariiroo intarneetii milkaa’ina waliigaltee naannawaa daldala bilisaaf murteessaa waan ta’eef Afrikaaf tajaajila madaalawaa dhiyeessuun barbaachisaa akka ta’e kaasan.
Gama Kanaan Itiyoophiyaan milkaa’ina biyyoota Afrikaaf barnoota ta’u galmeessaa jiraachuu ibsaniiru.
Fuulduratti dhaabbilee idil-addunyaa tajaajilaafi oomisha teeknooloojii dhiyeessan waliin ta’uun ce’umsa beekumsaafi ogummaarratti xiyyeeffannoon hojjechuun barbaachisaa ta’uu ibsuu isaanii TOI gabaaseera.
Itiyoophiyaan dandeettii raawwachiisummaa mootummaa guddisuuniifi guddina diinagdee cimaa uumuun sochii misoomaa ajaa’ibsiisaa galmeessaa kan jirtu ta’uu eeraniiru.