Ijaarsi buufata konkolaataa Qaallittii % 98 xumurame.

Finfinnee, Gurraandhala 22, 2012 (FBC) – Ijaarsi buufata konkolaataa Qaallittii % 98 xumurame.
 
Buufanni kun baatii tokko keessatti tajaajilaaf ni qophaa’a jedhame
 
Itti aanaan kaantibaa magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uumaan buufata kana daawwataniiru.
 
Buufanni kun lafa hektaara 5.2 irra kan qubate yoo ta’u, tajaajila suphaa, qulqullinaa fi dhiyeessa boba’aa teeknooloojiin deeggarame of keessaa qaba jedhame.
 
Guyyaattis Awutoobisoota 500 oliif tajaajila si’ataa kennuu ni danda’a jedhameera.
 
Ijaarsa kanaaf Birriin miiliyoonni dhibbi 7 fi miiliyoonni 89 ba’ii ta’uutu ibsame.
 
Bulchiinsi magaalichaa buufataalee ammayyaa tajaajila si’ataa jiraatootaaf kunnuu danda’u bifa haaraan gurmeessaa jiraachuu Injiinar Taakkalaan dubbachuu isaanii ragaan waajjira Kaantibaa magaalaa Finfinneerraa argame ni muul’isa.
Giddugalli buufata konkolaataa ammayyaa Shogolee xumuramuun tajaajila eegaluun isaa kan yaadatamuudha.
 
 
 
 
 
 
Comments (0)
Add Comment