Ijaarsi akkaadaamii ispoortii suluultaa daawwatame

Finfinnee, Muddee 18, 2013 (FBC) – Ijaarsi akkaadaamii ispoortii suluultaa daawwatame.
Ijaarsi akkaadaamii ispoortii suluultaa guyyaa har’aa jiila sadarkaa Itti Aanaa Preezdaantiitti Mootummaa Naannoo Oromiyaa Qindeessaa kilaastara Hawaasummaa obbo Addisuu Araggaatiin durfamuun daawwatame.
Daawwannaa kanarratti Atileetoonni bebbeekamoo kan hirmaatan yoo ta’u ijaarsicha ilaalchisee yaada kennaniiru.
Preezdaantiin federeeshinii atleetiksii Ityoophiyaa koloneel Daraartuu Tulluu giddugala akkanaa ijaaruun ispoorteessitoota heddu omishuu keessatti gahee olaanaa kan qabu akka ta’ee ibsiteetti.
Yeroo gabaabaa keessatti xumuruun hojii akka eegalu tumsi barbaachisu hundi akka taasifamus Koloneel Daraartuun kaafteetti.
Dizzaayinii faanas wal qabatee tiraakiin fiigichaa, daandii cirrachaa fiigicaaf oolu fi istaadiyoomin sadarkaa olompikii guutu akka ijaaramu fooyya’uu akka qabuus himtee jirti.
Mootummaan misooma ispoortiif xiyyeefannaa guddaa keennee hojjechaa jiraachusaa obbo Addisuun himaniiru.
Mataduree ispoortiin hundumaaf jedhuun hawaasni hundu sochii qaamaa taasisuun fayyaa isaa akka eeggatu ji’a lama dura sosochiin eegalamee hojiirra olaa jiraachuu dubbataniiru.
Obbo Addisuun Mootummaan Naannoo Oromiyaa xiyyeeffannaa kennee kan hojjechaa jiru keessaa bu’uraalee misooma ispoortii ijaaruu akka ta’e himuun bu’uraalee misooma ispoortii ijaaramaa jiran keessaa akkaadaamiin ispoortii Suluultaa tokko akka ta’e kaasaniiru.
Yaaddessaa Geetaachootu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment