Ijaarsaawwan dubartootaa magaalaa Finfinneetti argamu Raayyaa Ittisa Biyyaaf deeggarsa meeshalee Birri miiliyoona 5.5 olii taasise

Finfinnee, Sadaasa 14, 2013 (FBC) –Ijaarsaawwan dubartootaa magaalaa Finfinneetti argamu Raayyaa Ittisa Biyyaaf deeggarsa meeshalee nyaataa Birri miiliyoona 5.5 olii taasisaniiru.

Liigii Dubartootaa Paartii Badhaadhinaa Finfinnee, Biiroon Dhimmoota Dubartootaa fi Daa’immanii Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee fi Waldaaleen Dubartootaa Finfinnee deeggarsa waliin qopheessan guyyaa har’aa humna lafootti argamuun gumaachaniiru.

Deeggrsi isaan qopheessaan Bassoo, Akaawwii, Barbaree, Daakuu, Biddeena goggoksanii fi nyaata gara garaa ta’uu ibsamera.

Deeggarsicha kan fuudhaan Ministirri Deetaan Raayyaa Ittisa Biyyaa Maartaa Liwuujii deeggarsichi haamilee Raayyaa Ittisa Biyyaaf olaanaadha jedhaniiru.

Deeggarsa taasifame galateeffachuun, cimee itti fufuu akka qabu ibsaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa

Comments (0)
Add Comment