Ijaarsa seeraan alaa fi weerara lafaa naannoo Hararii ittisuuf hojjetamaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Muddee 15, 2012 (FBC) – Ijaarsa seeraan alaa fi weerara lafaa naannoo Hararii raawwatamaa jiru ittisuuf hojjetamaa jiraachuu ibsameera.

Hogganaan Biiroo misoomaa magaalaa, manneennii fi Konistiraakishinii Naannoo Hararii obbo Abduulhakiim Abduulmaalik hanqinni seera kabachiisuu naannicha jiraachuu kaasuun, ijaarsi seeraan alaa fi weerarri lafaa gaggeeffamaa jiraachuu himaniiru.

Yeroo ammaa kana naannichaatti manneen seeraan alaa kuma 10 fi lafti heektaara 150 seeraan ala qabamuu kaasaniiru.

Ijaarsi seeraan alaa naannoo Hambaa killiya addunyaa kan ta’e gamoon Jogoolitti gaggeeffamaa jiru furmaata hin argatu yoo ta’e rakkinaaf akka saaxilamu hubachiisaniiru.

Paarkiin Selaat bal’ina heektaara 33 qabu guutumaatti ijaarsa seeraan alaan qabamuu eeraniiru.

Ijaarsaa seeraan alaa fi weerara lafaa kana ittisuuf qaamolee nageenyaa naannichaa fi aanoolee waliin ta’uun ittisuuf sochiin eegalameera jedhan.

Comments (0)
Add Comment