Finfinnee, Waxabajjii 17, 2013 (FBC) – Ijaarsa Proojektii Bishaan Dhugaatii fi Jallisii raawwachuuf waliigalteen Doolaara miiliyoona 94 mallattaa’eera.
Waliigaltichi Komishinii Misooma Jallisii fi ‘Dhaabbata Kooriyaa Ruuraal Komuyuuniitii Korporeeshin’ jedhamu gidduutti mallattaa’eera.
Waliigaltee kanaan Proojektiin Jallisii bishaan lafa jalaa naannoo Oromiyaa Odaa Bachootti lafa hektaara kuma misoomsuu fi maatii kuma 20 fayyadamoo taasiisu ni ijaarrama jedhame.
Bu’uura waliigaltee dhiyeessii Faayinaansii Ityoophiyaa fi Mootummaa Kooriyaan Ijaarsa Bishaan dhugaatii fi misooma Jalliisii Doolaara Miiliyoona 94 gaggeeffamu mallattaa’uu Ministirri Ministeera Bishaan, Jallisii fi Iinarjii Dooktar Injiinar Silashii Baqqalaa ibsaniiru.
Qorannoo fi dizzayiniin Proojektoota kanneenii baatiwwan 12 keessatti kan gaggeeffaman ta’uu himaniiru.
Ijaarsi Proojektoota kanneenis waggaa 1 keessatti xumurama jedhan.
Proojektichi Boolla Bishaanii gadi fagoo 42 fi Boollawwan kana dura qotaman gabbisuu ni hammata jedhame.
Gama Dhaabbata Kooriyaa Ruuraal Komuyuuniitii Korporeeshin Waliigalticha kan mallatteessan Dooktar Yuun Doong Kuun gama isaaniin Proojektoonni kunneen hariiroo biyyoota lamaanii caalmaatti kan cimsan ta’uu ibsaniiru.
Baatii 1 keessatti gara hojiitti kan galamu ta’uu dubbataniiru.
Bishooftuu fi Mojoo gidduutti boolli 10 lafa hektaara 600 misoomsuu danda’an kana dura yaallamman bu’aa qabeessa ta’uu ibsameera.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraamahttps://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.