Ijaarsa Proojaktii Hidha haaroomsaa milkeessuuf ni deeggarra- Kutaalee hawaasaa naannoo Soomaalee

Finfinnee, Waxabajjii 6, 2012 (FBC) – Ijaarsa Proojaktii Hidha Haaroomsaa milkeessuuf mootummaa cinaa kan dhaabbatan ta’uu dureewwaan amantaa, Jaarsoliin biyyaa fi dursitoonni kutaa hawaasaa naannoo Somaalee ibsan.
 
Dureewwaan amantaa, Jaarsoliin biyyaa fi dursitoonni kutaa hawaasaa naannoo Somaalee haala yeroorratti mari’achuun ibsa ejjennoo baasaniiru.
 
Mirgi Ityoophiyaan lageen isheetti fayyadamuu qabdu kabajamuu akka qabu ibsaniiru.
 
Ijaarsi Proojaktii Hidha Haaroomsa Guddicha hanga galma ga’utti mootummaa cinaa kan hiriiran ta’uu himaniiru.
 
Haala qabatamaa amma jiruun murteen Manni Maree Federeeshinii filannoon biyyaalessaa 6ffaan akka dheeratuuf dabarse sirrii ta’uu ibsaniiru.
 
Hojiilee mootummaan ummata fayyaduuf raawwatu kamiiyyuu ummanni fi mootummaan naannoo Somaalee kan deeggaran akka ta’e ibsuu isaanii ragaan Biiroo Dhimmoota Koomiinikeeshinii naannichaarraa argame ni muul’isa.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment