Ijaarsa projaktii bishaan dhugaatiif Birrii biiliyoona 1.2 ol ta’uun kontiraaktaroota wajjin walii galtee taasifame

Finfinnee, Amajjii 21, 2012 (FBC) – Biiroon Misoomaa Qabeenya Bishaaanii fi Inarjii Oromiyaa ijaarsa projaktii bishaan dhugaatiif bajata Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin Birrii biiliyoona 1.2 ol ta’uun kontiraaktaroota wajjin walii galtee taasise.

Biiroon Misoomaa Qabeenya Bishaaanii fi Inarjii Oromiyaa rakkoo hanqina waliin gahiinsa bishaan dhugaatii furuuf hojjetaa jira.

Kanaanis ijaarsa projaktiiwwan bishaan dhugaatiif guyyaa har’aa kontiraaktaroota, konsaltaantootaa fi qooda fudhatoota waliin magaalaa Adaamaatti walii galtee mallatteesseera.

Waliigalteen ijaarsaa kunis,magaalota 12, godinaalee 13 keessatti kan raawwatu wayita ta’u projaktiwwan ijaarsa bishaanii 12 boolla bishaanii 53 godinaalee 13 keessattii fi qorannoo fi diizaayinii magaalota afurii kan hammatuudha.

Baajata waliigalaa ijaarsa projaktiwwan kanaaf qarshii biiliyoona 1.2 ol yoo ta’u, ijaarsi Projaktii bishaanii kun hawaasa kuma 434 ol fayyadamaa kan taasisu ta’uu, Hogganaan Biiroo Misooma Qabeenya Bishaanii fi Inarjii Oromiyaa Doktar Injiinar Habtaamuu Ittafaa dubbataniiru.

Sadarkaa Itti aanaa Preezdaantitti Qindeessaan Kilaastera Misooma Baadiyyaa Doktar Girmaa Amantee gamasaaniin Oromiyaa Keessatti hanga ammaatti uummatni bishaan dhugaatii qulqulluu argate dhibbantaa 65 yoo ta’u dhibbantaa 35 bira hin geenye.

Kan har’a waliigalteen mallatteeffame kun warreen hafan keessa dursa argachuu qabaniidha jedhani.

Doktor Girmaan itti fufuun dubbii dubbataniin jijjiirama akka biyyaatti amma jalqabne kun kan galmaa gahuu danda’u,yoo hundi keenya bakka jirrutti gahee keenya bahuu dandeenyeedha jedhanii, kontiraaktarootni har’a walii galtee mallatteessan kunneenis aantummaa uummataaf dursa kennuun haala adda addaan osoo hin daanga’in yeroo jedhame keessatti xummuruun uummata keenya fayyadamaa taasisuu qabu jedhani.

Qooda fudhattootni asitti argamanis milkaa’ina hojii ijaarsa projaktii kanaaf gaheesaanii bahuu tumsuus akka qabaatan dhaamaniiru.

 

Comments (0)
Add Comment