Finfinnee, Bitootessa 1, 2015(FBC)- Ijaarsa Piroojektoota 14’f baankii Chaayinaa “Egziim Baank” waliin waliigalteen mallatteeffamuu Ministeerri Maallaqaa ibseera.
Ministirri Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shiideen, piroojektoonni kunneen piroojektii rakkoo bishaan dhugaatii magaalaa Finfinnee ni fura jedhamee waggaa tokko dura hojiin diizaayiniifi qorannoo biyyee taasifamee dhaabbate piroojektii bishaanii Garbii dabalatee piroojektoota 14 ta’uu Faanaa Biroodkaastiing Koorporeetitti himaniiru.
Bu’uura waliigaltee kanaan baankichi piroojektoota kanneeniif Doolaara miiliyoona 622 eeyyamuu ibsaniiru.
Piroojektiin bishaan dhugaatii Garbii, piroojektiin bishaan dhugaatii Maqalee, daandiin Saffisaa Hawaasaafi piroojektiin baaburaa Dirree Dawaa- Dawwallee piroojektoota kanneen keessatti hammatamuu eeraniiru.
Piroojektoonni sababa hanqina maallaqaa harkifatan yeroo dhiyoo keessatti gara ijaarsaatti akka galan ni taasifama jedhaniiru.
Taarik Addunyaatu gabaase.
#Oromiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dab’u kanneen beealataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.