Ijaarsa mootummaa milkaa’aan akka jiraatuuf Seenessii Olaanaa barbaachisa-Obbo Tasfaayee Beeljigee

Finfinnee, Onkololeessa 25, 2016 (FBC)- Ijaarsa mootummaa milkaa’aan akka jiraatuuf lammiilee gara tokkummaatti kan fiduu seenessii olaanaa barbaachisa jedhan Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti Ministirri Waamamaa Mootummaa Obbo Tasfaayee Beeljigeen.

Faanaa Biroodkaastiingi Koorporeet waliin turtii kan taasisan Obbo Tasfaayee Beeljigeen, seenessii walbuusaa qajeelchuun biyyaa rakkoo keessaa baasaa jedhan.

Ijaarsi mootummaa milkaa’aan akka jiraatuuf seenessii lammiilee biyyatti hundaa gara tokkummaatti fiduu fi waliigalchiisu jiraachuu akka qabu dubbataniiru.

Itiyoophiyaattii seenessiiwwan fiixeetti ba’aan akka turan yaadachiisanii, seenessiiwwan addaan faffagaataaniin biyyattiin rakkoof saaxilamtee turuu ibsaniiru.

Waan ta’eefis lammiilee gara tokkummaatti kan fiduu seenessiin waloo jiraachuun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.

Seenenniin olaanaan hundumaa gara tokkootti kan fidudha kan jedhan Obbo Tasfaayen, seenessii olaanaan sabdaneessummaa, hirmachisummaa, walqixxummaa, haqa qabeessummaa kan of keessaa qabu ta’uu ibsaniiru.

Seenessii olaanaan ajandaa ta’ee as ba’uun seenessiiwwan walbuusan jiraachuurraan akka ta’e eeranii, kunneen rakkoolee amma mul’ataniif ka’umsa ta’uu hubachiisaniiru.

Rakkooleen mudataa jiranis, keessumaa dhibee aadaa siyaasaa keessaatti mul’atuuf ka’umsi seenessii walbuusaa ta’uun, kanas sirreessuun barbaachisaa akka ta’e itti amanamuu himaniiru.

Seenessii dogoggoraa sirreessuuf jala bultii jijjiiramaarraa eegalee hojiileen garaagaraa raawwatamaa turuu eeruun, yeroo ammaa qabatamaan gara hojiitti seenamaa jiraachuu kaasaniiru.

Adeemsa ijaarsa mootummaa keessatti rakkoo ijoo kan ta’an keessaa tokko rakkoo seenessii ta’uu qorannoon adda ba’uu ibsanii, akka paartii biyyaa bulchaa jiruutti Paartiin Badhaadhinaa rakkoo kana furuuf itti gaafatama furmaata maddisiisuu fi mariif dhiyeessuu akka qabu akkeekaniiru.

Gama kanaan walitti qabama seenessii olaanaa kan ta’e sabdaneessummaa, hirmaachisummaa, walqixxummaa, haqa qabeessummaa dhugoomsuuf lammiileen hunduu gahee isaanii bahachuu akka qabanis hubachiisaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment