Ijaarsa Masjiida idil addunyaa magaalaa Finfinneef dhagaan bu’uraa kaa’ame

Finfinnee, Caamsaa 12, 2012 (FBC) – Ijaarsa Masjiida idil addunyaa magaalaa Finfinneef dhagaan bu’uraa kaa’ame.
 
Sirni dhagaa bu’uraa kaa’uu kun bakka itti aanaa Kaantibaa magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uumaa, walitti qabaan Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Waliigala Ityoophiyaa Hajii Muftii Umar Idiriisii fi Preezdaantiin Mana Maree Dhimmoota Islaamummmaa magaalaa Finfinnee Sheek Sulxaan Amaan argamanttti raawwateera.
 
Wayituma kana sirni wal harkaa fuudhinisa Sanada abbaa qabeenyummaa masjiidoota 70 taasifameera.
 
Galma gamtaa Afrikaa fuulduratti kan ijaarramu Masjiinni kun lafa karee meetira kuma 30 irra kan qubatu yoo ta’u, giddugala Islaamummaas of keessa qaba jedhameera.
 
Ijaarsi kun gaaffii hawaasa Musiliimaa bara dheeraa kan deebiseedha jedhame.
 
Iddoon ijaarsa masjiida idila addunyaa kun ayyaana Iidi sababeeffachuun kennaa hawaasa Musiliimaaf kenname ta’uu Injiinar Taakkalaan ibsuu isaanii ragaan Waajjira Kaantibaa magaalaa Finfinneerraa argame ni muul’isa.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment