Ijaarsa manneen barnoota sadarkaa 2ffaa 100 fi bultii addaa 7 baatii torba keessatti xumursiisuuf hojjetamaa jira

Finfinnee, Muddee 7, 2013 (FBC) – Ijaarsaa Manneen barnoota sadarkaa 2ffaa 100 fi bultii addaa 7 baatii torba keessatti xumursiisuuf baajata mootummaa Biirrii biiliyoona 4.9n hojjetamaa jiru.

 

Ijaarsi proojektoota kanneenii sadarkaa godinatti manneen barnoota 86 sadarkaa magaalootatti 16 fi manneen barnoota bultii addaa 7 ammoo Yaaballoo, Nageellee, Haramayaa, Beddellee, Doddolaa, Najjoo fi magaalaa Amboottii ijaarrama jiru.

 

Abbaan Taayitaa Konistiraakshinii Oromiyaa milkaa’ina hojii ijaarsa manneen barnoota kanneeniif seektarootaa fi koree olaanaa sadarkaa naannoo jiru waliin ta’uun qulqullinaa fi yeroo kaa’ameef keessatti akka xumuramu deeggarsaa fi hordoffii barbaachisu taasiisaa jiraachuu ibsameera.

 

Raawwiin ijaarsa kanneenis yeroo ammaa 5% hangaa % 23 irratti kan argamu ta’uu ragaan Abbaa Taayitaa Konistiraakshinii Oromiyaarraa argame ni muul’isa.

 

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.

 

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment