Ijaarsa manneen 70/30’f kanneen Waldaan gurma’an ijaarsa akka jalqaban waamichi dhiyaate

Finfinnee, Amajjii 28, 2016 (FBC)- Ijaarsaa manneen 70/30’f jiraattoonni waldaan gurmaa’uun lafa fudhatan ijaarsa akka eegalan Biiroon Bulchiinsaa fi Misooma Manneenii Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee waamicha dhiyeesse.

Bulchiinsi magaalichaa jiraattoota sagantaa manneen 20/80 fi 40/60’n galmaa’uun carraa eeggachaa turan waldaan gurmeessuun carraa ijaarsa manneen 70/30 mijeessuun ni yaadatama.

Haalum kanaan Waxabajjii 2015 waldaalee kuma 4 fi 500’n gurmaa’uun lafa fudhatanis hanga ammaatti ijaarsa kan hineegalle ta’uu biirichi beeksiseera.

Uggura mana murtii, utubaawwan elektirikii kaasuu fi kaffaltiin beenyaan raawwatamuu dhabuun ijaarsichi akka duubatti harkifatu taasiseera jedheera.

Ta’us, kanneen rakkoo kanneen hinqabne waldaaleen 10 jiraachuun eeruun isaanis ijaarsa eegaluu akka qaban biirichi eereera.

Deeggarsa biirichaan cinaattis waldaaleen tattaaffii taasisuu akka qaban akeekuun, bakka bu’oonii waldaalee fi qaamoleen dhimmichi ilaallatu hundi ijaarsi manneenii kun akka duubatti hinharkifanne tumsa taasisuu qabus jedheera.

Zabiib Takalaayitu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment