Ijaarsa Mana Barumsaa Artisti Alii Birraaf dhagaan bu’uuraa kaa’ame

Finfinnee, Sadaasa 21, 2016 (FBC)- Ijaarsa Mana Barumsaa Yaadannoo Dooktara Kabajaa Artisti Alii Birraaf Dirree Dhawaatti Dhagaan Bu’uuraa Kaa’ame.

Saganticharrattis Kantiibaan Mgaalaa Dirree Dhawaa Obbo Kadiir Juhaar, Artistootaa dabaltee hawaasni naannawichaa argameera.

Ijaarsi mana barumsichaas Garee Invastimantii ND Injiinar Nagara Dhugumaatiin kan gaggeeffamu ta’uun Obbo Kadiir gama miidiyaa hawaasumma isaaniin ibsaniiru.

Dabalataan Abbootii qabeenyaa magaalattii fi Artistootaan Komishinii Poolisii Magaalaa Dirree Dhawaa fi Wiirtuu Tajaajila Dhiqaa Kalee magaalichaaf deeggarsa birrii miliyoona 9 taasisuu eeruun gumaachaa taasisaniifis galateeffataniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment