Ijaarsa Magaalaa Buufata Xiyyaaraa haaraa yeroo jedhame keessatti eegalchiisuuf qophiin xumuramuu ibsame

Finfinnee, Mudde 3, 2015(FBC) – Ijaarsa Magaalaa Buufata Xiyyaaraa haaraa yeroo jedhame keessatti eegalchiisuuf qophiin xumuramuu Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa beeksiise.

Bara baajataa kanatti ijaarsa isaa eegalchiisuuf qophiileen dandeessisaan gaggeeffamaa jiraachuu Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Dhaabbatichaa Obbo Masfin Xaasaaw ibsaniiru.

Piroojektichaaf Baajanni Doolaarri biiliyoonna 5 qabamuu fi waggaa 5 keessatti ijaarramee kan xumuramu ta’uu ibsaniiru.

Magaalaan Buufata Xiyyaaraa haaraan kun dhiyeenya naannawaa magaalaa Bishooftuutti kan ijaarramu ta’uu kaasaniiru.

Wayita xumurame waggaatti imaltoota miiliyoona 100 keessummeessuu danda’a jedhan.

Ijaarsa Piroojektichaa eegalchiisuuf naannoo Oromiyaa waliin walitti dhiyeenyaan hojjetamaa jiraachuus eeraniiru.

Maddi:-TOI

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment