Ijaarsa Istaadiyeemii biyyaalessaa yeroo gabaabaa keessatti xumuruuf kan hojjetamu ta’uu ibsame

Finfinnee, Bitootessa 13, 2014 (FBC)- Ijaarsa Istaadiyeemii biyyaalessaa yeroo gabaabaa keessatti xumuruuf kan hojjetan ta’uu hojii gaggeessaa olaanaan dhaabbata Chaayinaa Isteet Konistiraakshinii Injinariing Waang Chuunchiing ibsan.

Hojii gaggeessichi haala ijaarsa isteediyeemichaa aartiin xumuruun danda’amurratti Ministira Ministeera Aadaa fi Ispoortii obbo Qajeelaa Mardaasaa waliin mari’ataniiru.

Ijaarsi isteediyeemichaa kan harkifate kaffaltiin sharafa alaatiin isaaniif kaffalamu harkifachuusaarraan kan ka’e ta’uu fi bara 2020tti meeshaaleen ijaarsaa alarraa bitamanii galan yeroon bitamuu dhabuu fi daballii gatii yeroo yeroon mul’aturraan kan ka’e ta’uu hojii gaggeessichi eeraniiru.

Ijaarsa istaadiyeemichaa yeroo gabaabaa keessatti xumuruuf kan hojjetan ta’uu kaasaniiru.

Obbo Qajeelaan gamasaaniin bittaa meeshaalee ijaarsaa alaa galaniif kan oolu Doolaarri miiliyoonni 13.5 gadhiifamuu ibsuun kaffaltiin isaa gama Baankii Daldalaa Ityoophiyaan kan taasifamu ta’uu yaadachiisuu isaanii ragaan Ministeera Aadaa fi Ispoortiirraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment