Ijaarsa hidha haaromsaa guddicha Ityoophiyaaf guyyaa tokkootti deeggarsi doolaraa Ameerikaa kumni 100 walitti qabame

Finfinnee, Adooleessa 25, 2013 (FBC)- Ijaarsa hidha haaromsaa guddicha Ityoophiyaaf guyyaa tokkootti deeggarsi doolaraa Ameerikaa kumni 100 walitti qabameera.

Ameerikaatti Ambaasaddarri Ityoophiyaa Fitsuum Araggaa guyyaa har’aa fuulaa miidiyaa hawaasaasaanirratti yeroo jalqabaaf deeggarsa hidha haaromsaaf sa’aati 24 keessatti doolaarri Ameerikaa kumni 100 walitti qabamuu ibsaniiru.

Deeggarsichaas “diyaaspooraa Ityoophiyaan seenaa haaraan galma’eera” jechuun ibsaniiru.

Dabalataniis ijaarsa hidha haroomsaaf deeggarsa taasisuun ummanni miiliyoona 60 ol yeroo jalqabaatiif ifa akka arguf sababa ta’aa jirus jedhaniiru.

Ambaasaddar Fitsuum diyaaspooraa Ameerikaa jiraatan kan deeggarsa taasisan galateeffataniiru.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment