Ijaarsa diinagdee keessatti dhaabbilee teekinikaa fi ogummaa misooma magariisaan dabaaluun barbaachisaadha-Aadde Mufaariyaat Kaamiil

Finfinnee, Adoolessa 22, 2014 (FBC) – Ijaarsa diinagdee keessatti dhaabbilee teekinikaa fi ogummaa, misooma magariisaan dabaaluu fi hojiilee isaanii qindeessuun ogummaa jiru sakatta’uun barbaachisaadha jedhan Ministirri Ministeera Hojii fi Ogummaa Aadde Mufaariyaat Kaamiil.

Hoggantoonnii fi hojjettoonni Ministeeraa Hojii fi Ogummaa dhaabbilee itti waamamtootaa waliin sagataa ashaara magariisa gaggeessaniiru.

Sagantaan biqiltuu dhaabii mooraa dhaabbilee tekinikaa fi ogumaa garaagaraa keessatti gaggeeffame kanarratti Aadde Mufaariyaat, hojiin misooma magariisaa faayidaa hunda galeessaa waan qabuuf leenjii teekinikaa fi ogummaa, misoomaa magariisaan dabaaluun bu’aa isaa guddisuun ni danda’ama jedhaniiru.

Dhaabbileen qabeenyaa fi lafa bal’aa waan qabaniif, hojiilee isaanii misooma magariisaan dabaaluun ijaarsa diinagdeef gahee qabaatan akka guddisu ibsaniiru.

Koolleejjonnii Leenjii Teekinikaa fi Ogummaa afur biqiltuuwwan kuma 2 fi 500 kan dhaban yoo ta’u, biqiltuuwwan miiliyoonaa 3.3 dhaabbilee garaagaraan kan dhaabaman ta’uu Aadde Mufaariyaat ibsuu isaanii ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment