Ijaarsa Daandii Diikniil – Daaguuriif waliigalteen Doolaara miiliyoona 43 mallattaa’e

Finfinnee, Muddee 23, 2013 (FBC) –Koorporeeshiniin Hojiiwwan Ijaarsaa Ityoophiyaa Diizaayinii f Ijaarsa daandii Diikniil – Daaguur raawwaachuuf Kooriidarii Buufataalee Jiibuutii waliin waliigaltee Doolaara miiliyoona 43 mallatteesseera.

 

Waliigalticha hojii raawwachiisaa olaanaan Koorporeeshiniin Hojiiwwan Ijaarsaa Ityoophiyaa Injiinar Yoonaas Ayyaalew fi Daayreektarri olaanaan Kooriidarii Buufataalee Jiibuutii Abdii Ibraahiim Faraahi mallatteessaniiru.

 

Daandichi Kiiloo Meetira 80 kan dheeratu ta’uu ibsamera.

 

Kiiloo meetirri 35 Konkiriitii Aspaaltiin, Kiiloo meetirri 45 ammoo cirrachaan kan hojjetamu ta’uu eerrameera.

 

Ijaarsi Daandichaa daangaa Ityoo –Jiibuutii kiiloo meetira 20 gara Jiibuutii seenuun kan eegalamu yoo ta’u dizaayinii fi ijaarsa isaa yeroo waliigalame keessatti xumuruuf kan hojjetamu ta’uu ragaan Koorporeeshiniin Hojiiwwan Ijaarsaa Ityoophiyaarraa argame ni muul’isa.

 

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment