Ijaarsa bu’uuraalee misooma elektirikii Pirojektii Caakkaa hanga Hagayyaatti xumuruuf hojjetamaa jira

Finfinnee, Waxabajjii 5, 2016 (FBC)- Ijaarsa bu’uuraalee misoomaa elektirikii Pirojektii Caakkaa hanga Hagayya 2016’tti xumuruuf hojjetamaa jiraachuu Humni Elektirikii Itiyoophiyaa beeksise.

Naannoo pirojektichaa keessa sararoota qaxxaamuran master pilaanii paarkichaan walsimsiisuun hojiin buufata raabsaa socho’aa yeroof sararoota dhiyeessii humnaaf tajaajilan dhaabuu gaggeeffamaa jiraachuu beeksiseera.

Hojiin ijaarsichaas Paarkii Caakkaa kan qaxxaamuru sarara dabarsa humna elektirikaa Kiiloo Vooltii 132 Kotobee-Beellaa jijjiiruu akka hammatu eerameera

Akkasumas lafa jala sarara kiiloo meetira 3.9, diriirsa sarara qilleensarraa kiioo meetira 0.9 fi jijjiirraa kondaaktaraa kiiloo meetira 0.5 kan dabalatu ta’uun ibsameera.

Sarara abbaa kiiloo vooltii 132 Kotobee-Ayaatitti diriirfame, dabalataan hojiin sarara lafa jala diriirrsuu kiiloo meetira 0.5 kan gaggeeffamu ta’uu beeksisuu ragaan Humna Elektirikii Itiyoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Hojii amma gaggeeffamaa jiruun hojii diriirsa sarara lafa jalaarratti haalli qilleensaa Gannaa dhiibbaa kan hinuumne yoo ta’e hanga Hagayya 2016’tti xumuruuf hojjetamaa jiraachuu himeera.

Pirojektichi waliigalaan baasii Birrii miiliyoona 370’tti kan tilmaamamu yoo ta’u guutummaatti baajata Humna Elektirikii Itiyoophiyaan kan gaggeeffamuudha jedhameera.

#Oromia #Ethiopia

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment