Iityoo Teelekoom neetwoorkii Finfinnee babal’isuuf proojaktii Birrii miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 73 ebbisiise

Finfinnee, Amajjii 25, 2012 (FBC) – Iityoo Teelekoom neetwoorkii magaalaa Finfinnee babal’isuuf proojaktii Birrii miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 73 ijaarsise ebbisiise.
 
Iityoo Teelekoom neetwoorkii magaalaa Finfinnee babal’isuuf; neetwoorkii dhaloota arfaffaa(4G) “LTE Advaanced” Birrii miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 73 ijaarsise ebbisiisera.
 
Hojiin babal’isuu neetwoorkii kun tajaajila hawaasummaa, diinagdee fi diijjiitaalaa ceesisuu keessatti gumaacha olaanaa kan qabaatu ta’uun ibsameera.
 
Fedhii tajaajilamtootaa dabalaa dhufeef deebii kan ta’u ta’uunis eerameera.
 
Gara fuula duraatti magaalota jajjaboo biyyattiitti tajaajila dhaloota arfaffaa kana waliin ga’uuf kan hojjetamu ta’a jedheera dhaabbatichi.
 
Finfinneetti bakka fedhiin tajaajila intarneetii bilbila sochootuu olaanaa ta’etti 4G hojiirra oola.
 
Hojiin babal’isuu kun kan hojjetame dhaabbata Chaayinaa Huwaawedhaan yoo ta’u, baasiisaa kan danda’e mootummaa Ityoophiyaati.
 
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment