Iityoo Teelekoom hayyoota dubartoota hojii baruu fi barsiisuu keessatti ga’ee olaanaa ba’an badhaase

Finfinnee, Gurraandhala 27, 2012 (FBC) – Iityoo Teelekoom guyyaa dubartoota addunyaa 44ffaa sababeeffachuun hayyoota dubartoota hojii baruu fi barsiisuu keessatti ga’ee olaanaa ba’an badhaasera.

Dhaabbatichi barsiisota dubartoota Ityoophiyaa mana barumsaa sadarkaa 2ffaa mootummaa keessatti barsiisan 250n badhaasera.

Badhaasichi guyyaa ayyaana dubartootaa 44ffaa har’a Finfinneetti kabajamerratti laatameera.

Tajaajila intarneetii Giigaa Baaytii (GB) 1, sagalee 200, ergaa gabaabaa (SMS) 200 baatii sadiif turu laachuu isaa Iityoo Teelekoom beeksiseera.

Kennaa kanarraa barsiisonni dubartootaa manneen barnootaa mootummaa sadarkaa 2ffaa kuma 20 fi 477 fayyadamoo ta’u jedhame.

Dabalataan barsiisota dubartootaa hojii isaaniin qabxii olaanaa galmeessan 50 carraadhan Laaptooppii badhaasera.

Akkasumas Barsiisota 200f ammoo moobaayila ammayyaa kenneera jedhame.

Hojii gaggeessituu olaantuun Iityoo Teelekoom aadde Fireehiwoot Taammiiruu dubartoota ga’oomsuun guddina waliigalaa biyyattii mirkaneessudha jedhan.

 

Comments (0)
Add Comment