Iiraan waliigaltee Misooma Nuuklaarii diiguu ishee beeksifte

Finfinnee, Muddee 27, 2012 (FBC) Iiraan waliigaltee misooma Nuuklaarii dhaabuu bara Faranjootaa 2015 mallatteessite diiguu ishee beeksiifte.

Ajjeechaa Jeneraal Qaasiim Soleemaanii booda Iraan waliigaltee misooma Nuuklaarii dhaabuu ishee walga’ii kaabinee Teehraanitti taa’ameen murteessitee jirti

Guyyaa kaleessaa haleellaan Imbaasii Ameerikaa magaalaa Baagdaaditti argamu irratti xiyyeeffate taasiifamuu isaa ibsameera.

Haleellaa gaggeeffameen miidhaan qaqqabbe hanga ammaatti hin ifoofne jedhameera.

Ajjeechaa Soleemaanii booda Manni Mare Iiraaq waraanni biyyoota biroo hundi Iiraaq gadhiisee akka bahu waamicha dhiyeessee jira.

Yeroo ammaa waraanni Ameerikaa kumni 5 ol Iiraaq keessatti ni argamu jedhameera.

Preezdaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp tarkaanfii Iiraan fudhattu kaamiifiyyuu duub deebii dachaa kan laatan ta’uu doorsisaa jiru.

Ameerikaan waliigaltee Nuuklaarii keessaa bara 2018 of baastus biyyoonni kanneen akka Faraansaay, Jarman, Chaayinaa, Ingiliz fi Raashiyaan garuu waliigalticha itti fufsiisuuf yaalii gochaa jiru jedhameera.

Biyyoonni kunneen ejjennoo Iraan kan morman ta’uu ibsaniiru.

Waldhabdee jiru hir’isuuf qaama dhimmi ilaalu hunda waliin kan hojjetan ta’uus beeksaniiru.

Hogganaan Dhimma Alaa Gamtaa Awurooppaa Jooseef Booreel dhimma Nuuklaarii fi ajjeechaa Soleemaanii ilaalchisee marii taasiisuuf Ministira Dhimma Alaa Iraan Mohaammad Javaad Zariifif waamicha taasiisaniiru.

Maddi:- BBC

 

 

Comments (0)
Add Comment