Finfinnee, Mudde 3, 2017 (FMC)-Dhaabbanni Misooma Mootummoota Baha Afrikaa (IGAD) waliigaltee Ankaraatti Mootummaa Itiyoophiyaa fi Somaaliyaa gidduutti gaggeeffame deeggaruuf kutannoo qabaachuu ibse.
Waliigalticha ilaalchisuun Barreessaa Olaanaa Dhaabbatichaa Dooktar Warqinaa Gabayyoon akka ibsanitti, jaarsummaa Turkiin mootummaa Itiyoophiyaa fi Somaaliyaa gidduutti waliigaltee taasifame IGAD faara gaariin kan ilaaluudha.
Waliigaltichi biyyoota obbolaa lameen gidduutti hariiroo hawaasummaa baroota dheeraa kan cimsuu fi dhimmoota gamlamee biyyoota kanneenii karaa nagaan furuuf gahee murteessa akka qabu dubbataniiru.
Waliigaltecharra ga’uuf tattaaffii dureewwan biyyoota lameenii kan dinqisiifatan Dooktar Warqinaan, Gaanfa Afrikaatti rakkoolee waloo furuu, nagaa fi tasgabbii mirkaneessuuf tattaaffiiwwan dippiloomaasii barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.
Dabalataan, waliigalteerra akka ga’amuuf tattaaffii olaanaa kan taasisan Pireeziaantii Turki Rasiip Xayib Erdogaaniin galateeffataniiru.
Biyyoonni miseensa IGAD Itiyoophiyaa fi Somaaliyaan waliigatee taasisan hojiirra akka ooluu fi waltaiinsi waaraan akka jiraatuuf IGAD deeggarsa taasisuuf kutannoo qabaachuu ibsaniiru.
#Oromia #Ethiopia