Finfinnee, Caamsaa 6, 2012 (FBC) –Mootummootni Misoomaa Baha Afrikaa (IGAD) tamsa’ina vaayrasii koroonaa ittisuuf deeggarsa meeshaalee tilmaama Birrii kuma 800 ta’u Ministeera Fayyaaf taasise.
Ministirri Ministeera Fayyaa FDRI Dooktar Liyaa Taaddasaan, deeggarsa taasifameef galateeffataniiru.
Deegarsichi hojii vaayrasii koroonaa ittisuuf buqqatoota dangaarraa fi kaampii keessa jiraaniif ni gargaaraa jedhaniiru.
Ityoophiyaatti gorsaa olaanaan dhimmoota fayyaa fi hawaasummaa IGAD Dooktar Giruum Haayiluu, deeggarsichi hagugduu harka, hagugduu fuula,eegduu qulqullina harkaa fi kanneen biroo of kessaatti qaba jedhaniiru.
Weerara COVID -19 ittisuu fi to’achuuf deeggarsi taasifamuu cimee kan itti fufuu ta’u Dooktar Giruum ibsaniiru.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.