IGAD Hospitaala Waliigalaa Negeellee Booranaaf deeggarsa taasise

Finfinnee, Mudde 17, 2017 (FMC)- Dhaabbanni Misooma Mootummoota Baha Afrikaa (IGAD) Hospitaala Waliigalaa Negeellee Booranaaf deeggarsa meeshaalee wal’aansaa Birrii miiliyoona 20’tti tilmaamamuu taasise.

Deeggarsichi karaa Barreessaa Olanaa IGAD Dooktar Warqinaa Gabayyoon, Dhaabbata Tola Ooltummaa “Humna Bridge” jedhamurraa ta’uun ibsameera.

Deeggarsichi meeshalee tajaajila ciibsanii wal’aanuu, meeshalee laabiraatoorii fi kanneen biroo ta’uun ibsameera.

Sagantaa walharkaa fuudhiinsa deeggarsichaarratti Itiyoophiyaatti Waamamaan IGAD Obbo Ababaawu Bihoonanyi, Daayrektara Olaanaa Tajaajila Dhiyeessii Qorichaalee Itiyoophiyaa Dooktar Abdurqaadir Galgaloo, Hogganaa Itti Aanaa Biiroo Fayyaa Oromiyaa Dooktar Bokonaa Guutaa Dabalatee hoggantoonni Godinaa Booraana Bahaa argamaniiru.

Deeggarsi taasifame tajaajila hospitaalichaa kan guddisu ta’uu eerameera.

Hospitaalichi lammiilee naannawaa Boorana Bahaatti argaman kuma 100’f tajaajila kennaa jiraachuu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment