IGAD Eegumsa Godaantotaarratti mari’ate

Finfinnee, Onkololeessa 7, 2016 (FBC)- Dhaabbanni Misooma Mootummoota Baha Afrikaa (IGAD) hammattoo Imaammata Haaraa eegumsa Godaantotaa ilaalchisee qophaa’eerratti Magaalaa Finfinneetti mari’ateera.

Waltajjicharratti Bakka Bu’oonni Biyyoota Miseensaa, Koomishinii Goodaantoota Dhaabbataa Mootummoota Gamtoomanii fi qooda fudhattoonni biroon argamaniiru.

Lakkoofsi Godaantoota Biyyoota Miseensaa yeroo gara yerootti dabalaa jiraachuun eeraameera.

Kanaafis hammattoon imaammataan deeggarame kallattii furmaataa ta’uu ni danda’aa jedhameera.

Haaluma kanaan hammattoo imaammatichaarratti guyyoota sadiif mariin gaggeeffamaa turuun ibsameera.

Hojiirra oolmaa imaammatichaaf biyyoonni miseensaa hundi dirqama isaanii akka bahataniif waamichi dhiyaateera.

Biyyoota Miseensa IGAD keessatti godaantoonni miiliyoona 5 ol akka argaman ibsamuu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment