IFC biyyoota giddugala Baha Afrikaaf deeggarsa doolaara biiliyoona 5.6 taasise

Finfinnee, Adoolessa 15, 2012 (FBC) –Miseensa garee baankii addunyaa kan ta’an Koorpooreeshiniin maallaqa idila addunyaa biyyoota Afrikaa Sahaaraa gadii fi giddula Baha Afrikaaf deeggarsa Doolaara biilioona 5.6 taasisuu beeksise.
 
Deeggarsichi hojii daldalaa guddisuu fi weerara idila addunyaa ittisuuf kan oolu ta’uu ibsameera.
 
Koorpooreeshiniin maallaqa idila addunyaa (IFC) yeroo gabaabaa keessatti Doolaara biiliyoona 2 deeggarsa hojii daldalaaf kan taasisu ta’uu ibsameera.
 
Miidhaa weerarri vaayrasii koroonaa giddugalaa Bahaa fi Kaaba Afrikaarraan ga’e baraaruuf deeggarsi Doolaara biilioona 1 taasifameera.
 
Koorpooreeshiniin maallaqa idila addunyaa kufaatii weerarri vaayrasii koroonaa damee dhuunfaa fi miidhaa diinagdee hir’isuuf tattaaffii olaanaa taasisaa jiraachuu himameera.
maddi:-TOI
Comments (0)
Add Comment