Ifa Misoomaa Dungoo Wanciif Iferraa

Finfinnee, Amajjii 2, 2016 (FBC)- Qalbii ijoollummaatti yoo deebi’an, waa’ee tabbaa fi sulalaa keessa fiiga guddatan, fardeen garmaamsisaa bishaan daakaa guddatan, har’a yaadannoo isaanii ta’ee hafus, Dungoo Wanciif qabsiifamerraa isaaniis qabsiisanii ibsuuf dungoo misoomaa qabataniiru.

‘Gamoon Haroo’ carra qabeessaa jedhu, dhalatan naannawicha Dooktar Ayyalaa Galaan.

Dooktar Ayyalaa Galaan waggaa 30 ol biyaa Ambaa jiraataniiru.

Ogeessaa dinaagdee kan ta’an Dooktar Ayyalaan, osoo Pirojekti “Maaddii Biyyaaf” hin eegalin dura naannawaa Magaalaa Harootti hoteelaa fi gamoo ijaaruuf yaada wixinuu yaadachiisu.

Wayita pirojektii ijaarsa gamoo yaadan Magaalaan Haroo guddacha dhufuun, Baankiiwwanii fi dhaabbiileen Miti mootuummaa magaalicha keessatti hojii eegaluuf mana kireeffatan yoo dhaban carraan gara magaalattii dhufu magaalattii dabruu akka hinqabe xiinxaluun wixinee isaanii bu’uuressuuf tattaaffii eegaluu himu.

Yaada kana hojjiitti hiikuuf carraa argataniin bara 2012 baatii Guraandhala Kuweettirraa gara Itiyoophiyaa dhufun dizaayinii ijaarsa Gamoo fi Hoteelichaa hojjechuun hojiitti seenuu ibsanu.

Erga pirojektiin isaanii kun eegalee weerarri Vaayirasii Koronaa akka Addunyaatti mudachuun gara biyyaa dhufuuf carraa akka hinarganne himan.

Bara 2013 ijaarsi Gamoon Hoteela Haroo eegalame baatii 11 booda, Amajjii bara 2013 Helikooftarrii qondaaltota mootummaa qabatte Harootti bu’uun dhaga’ee jedhu Dooktar Ayyalaan.

Guyyaan sunis guyyaa qaama Pirojektii ‘Maaddii Biyyaa‘ kan ta’e Pirojektiin Wancii akka eegalamu himame ta’uu eeran.

Gaafa kuni ta’uu Gamoon Haroo ijaarsi jalqabamuun bu’uurri isa lafaa ol bahuu dubbatu.

Gamoon Haroo “ni carromme” kan jedhan Dooktar Ayyalaan, misooma Pirojektii Haroo Wanciin walqabatanii gaggeeffamaa jiran misoomni isaan eegalaniif carraa bal’aa akka fide dubbatu.

Qe’ee abbaa isaanii ganamaatti misoomaa kan eegalan Dooktar Ayyalaan, Biyyaaf, hawaasa naannawaan waan hojjechaa jiraniif maqaa Gamichaa Hoteela Haroo jechuun moggaasa naannawichaa ibsuu akka qabaatutti ijaaraa jiraachuu himan.

“Gamoo kana ‘Qe’ee Abbaa Ayyalaa’ jechuu nan danda’a ture. Kun ofittummaa taatii jedheen maqaa biyyaa fi sabaa kootiin waamuu filadhe” jedhan.

Haroon Wancii dargaggoota fi jiraatoota naannawaa sanaan waggoottan hedduuf kunuunfamaa turuu eeruun, wayita bu’uuraleen misooma hinjirrettis turstoonni biyya alaa fi keessaa bakkicha daawwachuuf dhufaa akka turan Dooktar Ayyalaan ni yaadachiisu.

Haroon Wancii bakka uumaan bareeche uumeedha jechuun yeroo ijoollummaa isaaniitti yaadannoo bakka dhaloota isaanii kanatti dabarsanii fi wayita tuuristoonni dhufanii naannawicha daawwatan akka argaa guddatan ibsu.

Piroojektiin Haroo Wancii kun namoota hedduuf carraa hojii kan uumee fi uumas jiru ta’uun hawaasni hundi uumamaa uumaan kennef kana tifkachuu akka qabu dhaamu.

Dooktar Ayyalaan diinagdeen biyyaa guddisuuf magaalota qofarratti hojjechuu osoo hintaane naannawaa baadiyaas misoomsuun barbachisaa akka ta’e dubbataniiru.

Guddinni diinaagdee, Finfinee keessaa ba’ee gara magaalota xixiqqoo fi baadiyya dhaquu akka qabus ofii isaaniirraa ka’uun hojiitti jijjiiraa jiraachuu ibsu.

Pirojektiin Wancii Godina Shawaa Kibba Lixaa Aanaa Wanciitti kan argamu yoo ta’u, yeroo ammaa ijaarsi isaa xumuramuun eebbaaf qophaa’eera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment