Iddoon dhaabbii fi buufanni bobbii Ambulaansii Birrii miiliyoona 90 oliin ijaarrame tajaajila eegale

Finfinnee, Muddee 13, 2014 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti Iddoon dhaabbii fi buufanni bobbii Ambulaansii Birrii miiliyoona 90 oliin ijaarrame tajaajila eegaluu ibsame.
Ministeerri Fayyaa qaamolee dhimmi ilaallatu waliin ta’uun sirna Fayyaa biyyattii fooyyessuuf sochii garaagaraa taasiisaa jiraachuu ibsameera.
Qaama sochichaa kan ta’e Iddoon dhaabbii fi buufanni bobbii Ambulaansii Buufata Fayyaa Tulluu Diimtuutti ijaarrame ifatti eebbifamuun hojii eegaleera.
Proojektichi waggaa 1 keessatti ijaarramee kan xumurame yoo ta’u, Birrii miiliyoonni 90 ol baasii itti ta’uu ibsameera.
Hojiin yaala duraa Manaa yoo hin eeggale Hospitaalootarratti dhiibbaa kan uumu ta’uu Ministir Deetaan Ministeera Fayyaa Dooktar Ayyalaa Tashoomaan eeraniiru.
Hojiin sirna fayyaa hospitaala duraa sirna tajaajila fayyaaf gumaacha olaanaa qabaachuu isaan yeroo itti aanu yaala duraarratti xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uu mirkaneessaniiru.
Iddoon dhaabbii fi Buufanni Bobbii akka kanaa kutaalee magaalaa Finfinnee hunda keessatti kan ijaarraman ta’uu hogganaan Biiroo Eeggumsa Fayyaa magaalaa Finfinnee Dooktar Yohaannis Caalaan eeraniiru.
Maddi:-TOI
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment