Finfinnee, Amajjii 25, 2014 (FBC) – Iddooleen dhaabbilee fi Imbaasiwwan Afrikaaf laataman saffisaan gara ijaarsatti akka galan Ityoophiyaan deeggarsa barbaachisu kan taasiiftu ta’uu Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muftiin ibsan.
Ambaasaaddar Diinaan Walga’ii Mana Maree Hojii Raawwachiiftuu Afrikaa 40ffaa gaggeeffamaa jiru ilaalchisee ibsa laataniiru.
Walga’ichi dhimmoota Hawaasummaa, Siyaasaa fi Diinagdeerratti mari’achaa jiraachuu kaasaniiru.
Nageenyaa fi Tasgabbii, weerara dhibee vaayrasii koroonaa too’achuu, Jijjiirrama qabeenya qilleensaa, Raawwii Ajandaa 2063 fi itti fayyadama baajataarratti marii taasiisaa jiraachuu ibsa isaaniin eeraniiru.
Iddooleen dhaabbilee fi Imbaasiwwan Afrikaaf laataman akkaatuma murtoo Manni Maree Hojii Raawwachiiftuu murteesseen saffisaan gara ijaarsatti akka galan mootummaan Ityoophiyaa deeggarsa barbaachisu kan taasiisu ta’uu Ambaasaaddar Diinaan dubbataniiru.
Maddi:-TOI
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.