Iddoolee waraanni gaggeeffamaa turetti galiin Birriin biiliyoonni 2.3 ol osoo walitti hin qabamaniin hafuu ibsame

Finfinnee, Muddee 20, 2014 (FBC) – Iddoolee waraanni gaggeeffamaa turetti galiin Birriin biiliyoonni 2.3 ol osoo walitti hin qabamiin hafuu Ministeerri Galiiwwanii beeksiise.
Baatiwwan shanan darban Ministeerri Galiiwwanii Gandaa fi Dameewwaan Komishinii Gumrukaa Birrii Biiliyoona 1.8 walitti qabuuf karoorfamus sababa rakkoo nageenyaan osoo walitti hin qabamin hafuu ibsameera.
Akkasumas Ministeerri Galiiwwanii fi Kominishiniin Gumrukaa damee Kombolchaatti Birrii biiliyoona 2.3 walitti qabuuf karorfamee Birrii biiliyoonni 1.9 qofti walitti qabamuu himameera.
Ministeerri Galiiwwanii bara baajataa 2014 Birrii biiliyoona 360 walitti qabuuf karoorfatee hojjechaa jiraachuu fi baatiwwan shanan darbani Birrii biiliyoona dhibba 1 fi biiliyoona 47.3 walitti qabuu Daayreektarri Kominikeeshinii Ministeerichaa Aadde Uumii Abbaajamaal ibsaniiru.
Galii argameef qooda fudhattoota hunda galateeffachuu isaanii ragaan Ministeera Galiiwwaniirraa argame ni muul’isa.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment