Iddoolee ABUT weeraretti dhaabbileen fayyaa kumni 1 ol barbadaa’uu ibsame

Finfinnee, Sadaasa 10, 2014 (FBC) – Iddoolee ABUT fi fakkaattoonni isaa weeraranitti dhaabbileen Fayyaa kumni 1 ol barbadaa’uu Ministeerri Fayyaa beeksiise.

Iddoolee nageenyi uumametti dhaabbileen fayyaa 20 irra deebiin hojii akka eegalan galteewwan dhiyaachaa jiraachuu eerameera.

Garichi dhaabbilee fayyaarratti saamichaa olaanaa raawwachuun meeshaalee yaalaa barbadeessuu isaan lammiileen hedduun rakkoo hammaataaf saaxilamuu Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan himaniiru.

Gareen shororkeessitootaa naannoo Amaaraa, Afaar, Oromiyaa fi Beenshaanguul Gumuzitti bakkeewwan weerara raawwatanitti dhaabbilee Fayyaarra miidhaa olaanaa qaqqabsiisuu eeraniiru.

Qorannoo hanga ammaatti gaggeeffameen Buufataaleen fayyaa kumni1 ol saamamuu fi barbaadaa’uu himaniiru.

Maddi:-TOI

Naannoo Keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment