Iddoo giddu gala Aadaa ummataa laachuun arjummaa osoo hin taane dirqama keenya – Aadde Adaanach Abeebee

Finfinnee, Gurraandhala 20, 2014 (FBC) – Bulchiinsi magaalaa Finfinnee iddoo ijaarsa giddu gala Aadaa Gaambeellaaf lafa Kaaree Meetira kuma 5 gumaacheera.

Bakka jireenya hunda keenyaa kan taate magaalaa Keenya waloon ni guddifna jedhan kaantibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanachi Abeebeen.

Iddoo ijaarsa giddu gala Aadaa Ummataa laachuun arjummaa osoo hin taane dirqama keenya jedhaniiru.

Preezdaantiin Bulchiinsa naannoo Gaambeellaa obbo Umaad Ujuluun bulchiinsa magaalaa Finfinnee galateeffachuun, magaalaan Finfinnee bakka aadaa ummata naannoo keenyaa itti beeksiifnuu fi tokkummaa keenya itti muul’ifnuudha jedhan.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment