Iddoo adda Kolfee Axanaa Taraa Taayiwaanitti balaa ibiddaa qaqqabeen qabeenyi Birrii miiliyoona 7tti tilmaamamu barbada’e

Finfinnee, Gurraandhala 24, 2014 (FBC)- Magaalaa Finfinnee aanaa 10 iddoo adda Kolfee Axanaa Taraa Taayiwaanitti balaa ibiddaa kaleessa qaqqabeen qabeenyi Birrii miiliyoona 7tti tilmaamamu barbada’uu Koomishinii Hoggansa Sodaa Balaa magaalaa Finfinnee beeksiseera.

Hojjettoonni balaa ibiddaa 2 aaraan ukkaanfamuun miidhaan irra gaheera jedhame.

Balaa ibiddichaa dhaamsuuf tattaaffii taasifamee qabeenyaan Birrii miiliyoona 50tti tilmaamamu baraaruun danda’ameera.

Giddugalli gabaa Kolfee Axanaa Taraa giddugala gabaa irra deddeebiin balaa ibiddaaf saaxilamuu ta’uusaa eerameera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

Comments (0)
Add Comment