Iccitii injifannoo atileetota Ityoophiyaa duubaan jiru-Raasmes Saandaris akka barreessetti

Finfinnee, Adoolessa 18, 2014 (FBC) – Ameerikaa Origaanitti kan keessummeeffame Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa 18ffaarratti Atileetonni Ityoophiyaaa meedaaliyaawwan Warqee 4, Meetii 4 fi Nahaasa 2 argachuun USA’tti aanuun addunyaarraa sadarkaa 2ffaan akka xumurtu taasiiseera.

Walitti bu’iinsa keessoo keessa kan turte Ityoophiyaan, injifannoo atileetonni ishee galmeessan duubaan seenaa fi iccitii bu’aa qabeessi akka jiru barreessichi addunyaaf qoodeera.

Ityoophiyaa, sablammoonni eenyummaa fi afaan garaagaraa keessaa jiraatan, ummatoonni kunneen eenyummaa Ityoophiyummaa cimaa qooddachuun akka waliin jiraatan eera.

Muddama keessa ta’ees ummata waldanda’ee jiraate ta’uus ibsa.

Irraa jireessan atileetonni fiigicha dheeraan injifaatan Naannoo Oromiyaarra akka ta’e kan tuqu barreesichi, dorgommii baranaarratti garuu atileetonni injifatan Naannoo Tigiraay irraa akka ta’an hima.

Naannoon Tigiraay garee biyyattiitti waggoottan 10’n sadan darbanitti, garee namoota dhuunfaa muraasaan hogganamte kan qabu, mootummaa jijjiiramaaf biyyattii gaggeessa jirurratti walitti bu’iinsa kan uume ta’uu ibsa.

Hoggantoonni garechaa daa’imman isaanii biyyoota alaatti manneen barnootaa beekkamtii olaanaa qabanitti gatii qaala’aan kan barsiifatan ta’anis, daa’imman Tigiraay keessaa filuun waraanaaf kan hiriirsu ta’uu barreessa.

CNN’n dabalatee miidiyaaleen biroon, garechi ‘Finfinnee seenee aangoo qabachuuf’ jechuun akka tilmaamanii turan, garu diimookiraasiin Ityoophiyaa injifachuun hanga qarqara du’aatti akka ari’an yaadannoo yeroo dhiyooti jedha.

Olola sobaa “Tigiraay irratti haleellan jumlaa gaggeeffamaa jira” jedhu uumuu fi jibba facaasuun ilaalchaa waraanaaa lafa qabsiisaa akka ture yaadachiisuun, ilaalchi waraana kunis ummata Tigiraayiin akka miidhe ibsa.

Garechi “Tigiraay marfamteetti” jechuun oduun facaasu olola ta’uu mirkaneessuuf, hojiilee dhiyeessii deeggarsa nyaataa Sagantaa Nyaata Addunyaa hojjechaa jiru ilaalchisuun gabaasaalee ba’an ilaaluun ragaa ta’uu Raasmes Saandaris kan ibsu,.

Gareen kunii fi deeggartoonni isaa Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa irratti atileetonni injifatan “Waraana Tigiraay irratti baname” olola jedhu deeggaruun diraamaa mormii irratti akka hirmaatan hedduu barbaadee akka ture kaasa.

Ta’us, yaada kanatti kan waliigale atileetiin tokkolee akka hinturre eeruun, inumaa, atileetonni injifattootaa ta’an Ityoophiyummaa cimsuun, alaabaa Ityoophiyaa uffachuu fi injifannoo walii, waliif gammaduun, injifannoo waloo miiraa Ityoophiyummaa cimaan ragaa bahuu isaanii barreesseera.

Kanaan, Ityoophiyaanonni, obbolaawwan isaanii Tigiraay akka jaallatan addunyaaf argisiisaniiru.

Jibbiinsichi kan garee shororkeessaa ABUT qofaa ta’uus ibsaniiru jedha.

Gootonni Ityoophiyaa gara Finfinneetti oggaa deebi’an gammchuun simachuuf qophaa’aa jiraachuu ibsuun, simannichis Tigiriffaan “Tsibuq” akkuma jedhamu ta’eera jechuu bareessichi iccitii injifannoo Atileetota Ityoophiyaa duubaan jiru barreesseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment