Ibsi ministirichi Guutinsa Bishaan hidha haaromsaa ilaalchisee laate ejjennoo Ityoophiya kan deeggaruudha – Ambaasaaddar Diinaa Muftii

Finfinnee, Caamsaa 12, 2013 (FBC) – Ibsi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Gibtsii Guutinsa Bishaan Hidha Haaromsaa ilaalchisee laate ejjennoo Ityoophiya kan deeggaru ta’uu Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muftiin himan.
Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Gibtsii Guutinsa Bishaan Hidha Haaromsaa marsaa 2ffaan fedhii biyyattirratti dhiibbaan uumuu kan hin jirre ta’uu ibsuun waan gaarii fi ejjennoo Ityoophiya kan deeggaru ta’uu Ambaasaaddar Diinaan eeraniiru.
Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muftiin har’a ibsa torbee ministeerichaa laataniiru.
Ibsi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Gibtsii Saamii Shukriin laatan ejjennoo biyyattiin kana dura hidhicharratti qabattee turte kan jijjiiree fi ejjennoo Ityoophiyaan yaada deeggare ta’uu himaniiru.
Ambaasaaddar Diinaan Preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen sirna waadaa gala Preezdaantii Ugaandarratti hirmaachuuf wayita biyyattii turan hoggantoota biyyoota Afrikaa garaagaraa waliin dhimmoota waqataawaa fi waloorratti mari’achuu eeraniiru.
Turtii Faransaayitti taasiisaniin dhimmoota waqtaawaa fi waloorratti marii bu’aa qabeessa taasiisuu kaasaniiru.
Gama biroon Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonniin itti gaafatamotta koree hojii Dhaabbata Qaxxaamura Diimaa fi Addeessa Diimaa idil addunyaa waliin mariin taasiisan bu’aa qabeessa kan ture ta’uu Ambaasaaddar Diinaan dubbataniiru.
Ambaasaaddar Diinaan haala walii gala filannoo biyyaalessaa marsaa 6ffaa fi dhimmoota naannoo Tigraay yeroo ammaa ilaalchisee ibsa laataniiru.
Maahileet Taklabirihaantu gabaase.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment