Ibsan istaadiyoomiin Naqamtee xumuramuun halkanii guyyaa tajaajila kennuu eegale

Finfinnee, Gurraandhala 2, 2013 (FBC) –Ibsan istaadiyoomiin Naqamtee xumuramuun halkanii guyyaa tajaajila kennuu eegale.
Qaama piroojaktii ijaarsa istaadiyoomii Naqamtee kan ta’eefi kallattii 4’niin sa’atii 24 tajaajiluu kan danda’u sararri ibsaa halkan xabachiisuu danda’u Birrii Miiliyoona 32n kaampaanii ijaarsa ibsaa biyya keessaa ‘Doolchiin’ jedhamuun diririfamee tajaajila kennuu eegaleera.
Hojiin ibsaa diriirsuu kun guutmaan guutuutti xumuramuu kan ibsan hojii geggeessaafi Abbaan Qabeenyaa Kaampaanichaa obbo Mariid Abarraa humna Fardaa Abbaa Kiiloo Waatii 250 kan qabu humni ibsaa istaadiyoomii Wallaggaa halkan xabachiisuu kun sadarkaasaa kan eeggateefi istaadiyoomiiwwan internaashinaalaa biyya Ingilaanditti argaman kanneen akka Arseenaalfaa kan qabaniin kan walgitu ta’uu himanii tajaajila fiigicha dirree, shaakala dirreefi dorgommiiwwan waliigalaa keessummeessuu kan danda’u akka ta’es dubbataniiru.
Hawaasa Magaalaa Naqamteefi Naannoosheetiin baga gamanne kan jedhan Itti Gaafatamaan Waajjira Ispoortii Bulchiinsa Magaalaa Naqamtee obbo Charinnat Arraagaawu ibsaa istaadiyoomichaa dirirfamuusaatiin Magaalichaafi dorgommiiwwan magaalichatti geggeeffamaniif carraa guddaa kan uumudha jedhaniiru.
Akka kominikeeshiniin bulchiinsa magaalaa naqamtee beeksiseetti tiraansfoormerii ibsaa istadiyoomichaaf Birri Mililyoona 3 kanfalamuu kan himan obbo Charinnat eegduufis jenereeterri bitamuusaa dubbataniiru.
Hojiin ibsaa istaadiyoomii kanaa xumuuramee kalleessa galgala bakka Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Naqamtee obbo Bariisoo Tamasgeen fi Itti Gaafatamaan paartii Badhaadhinaa Magaalaa Naqamtee obbo Toleeraa Raggaasaa akkasumas bakka hoggansi adda addaa kan magaalichaa argamanitti ifatti hojii jalqabeera.
Fuula feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa yuutyuubii keenyan nu hordofuuf fbc afaan oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna!
Comments (0)
Add Comment