Ibsa koree waloo nageenyaa fi tasgabbiirra laatame

 
Finfinnee, Gurraandhala 22, 2014 (FBC)- Ayyaanni Injifannoo Adwaa yeroo 126ffaaf guyyaa boruu mata duree ‘Adwaan- Ityoophiyaanootaaf Gamtaa, Afrikaanootaaf calaqqee bilisummaati’ jedhuun bifa ho’aa ta’een ni kabajamaa.
 
Koreen Waloo nageenyaa fi tasgabbii baga ayyaana injifannoo Adwaa bara kanaatin nagaa isin gahee jechuun erga dabarseera.
 
Gootonni Abbootii fi haadholiin keenya tokkummaan walkabajuun bilisummaa Ityoophiyaa gootummaan eeguun dhaloota ammaaf kabajaa guutuun dabarsaniiru.
 
Dhalannoo ammaas imaanaa itti laatamee eegee birmadummaa fi kabaja biyyatti hanga ammatti kabachiisaa jira.
 
Agarsiistuu kanaafis dhaloonni ammaa garee shororkeessaa ABUT biyya diiguuf dhufee ittisuuf lubbuu isaa hanga aarsaa taasisuutti injifannoo guddaa galmeesseera.
 
Dabalataanis dhaloonni amma kun ijaarsi hidha haaromsaa guddicha diinoota alaarra eeguun ijaarsi hidhichaa addaan osoo hin citiin sadarkaa humna elektirikaa maddisiisuurra gaheera.
 
Ayyaanni Adwaa rakkoo nageenya tokko malee akka kabajamuuf koreechi qophii olaanaa taasisuurratti argama.
 
Yaa ta’uu malee ayyaanichi nagaan akka hin kabajamneef namoonni dhuunfaa fi gareen gocha jala bultiin ayyaanichaa akka baduu taasisuuf socho’aa akka jiran koreen kun bira ga’eera.
 
Korichi Humnoonni farreen nageenyaa gocha badiirra akka of qusataniif kan akeekkachiisee yoo ta’u, kan of hin qusannee yoo ta’ee garuu koreen kun tarkaanfii seeraa akka fudhatuu beeksiseera.
 
Haawasni dhimmooni shakkisiisoon yoo quunnamaniis saraaroota bilbilaa eeruun itti laatamuu 251115-52-63-03፣ 251115-52-40-77፣ 251115-54-36-78 fi 251115-54-36-81 akkasumas sararoota bilbilaa bilisa 987፣ 991 fi 816 akka fayyadaman yaadachiiseera.
 
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
 
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
 
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
 
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
 
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
 
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
 
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment