Ibsa Koree Giddugaleessaa Paartii Badhaadhinaa

Finfinnee, Amajjii 17, 2016 (FBC) – Koreen Giddugaleessaa Paartii Badhaadhinaa walga’ii gaggeessaa ture ilaalchisee ibsa kenneera.

Korichi Amajjii 13 eegalee walga’ii idilee gaggeessaa tureera.

Walga’icharratti sanadni haala Siyaasaa, Diinagdee fi hawaasummaa, akkasumas haala waqtaawaa biyyaalessaa fi idil addunyaa irratti xiyyeeffate ‘Caba suphuu, Dhalootaaf amanamuu’ jedhu dhiyaachuun mariin irratti gaggeeffameera.

Imala bulchiinsa Itiyoophiyaa keessatti Cabsiinsa mudateef beekkamtii kennuun, cabiinsa kanneen suphuuf tarsiimowwan dandeessisan bocamanii ciminaan hojjechuun murteessaa ta’uu sanadichaan ka’uu ibsameera.

Galmi isaa olaanaan Itiyoophiyaa tokkummaa sabdaneessan cichoomtee fi badhaate dhaloota dhaalchisuu ta’uu fi Dhalootaaf amanamuu jechuunis kanuma ta’uu ibsameera.

Barri bara Diijitaalaati, Bara Diijitaalaa walitti hidhamiinsi murteessadha.

Kaayyoon Ida’amuu walitti hidhamiinsa dhalootaa jajjabeessuu ta’uu eereera.

Biyyis kan ijaarramtu walitti hidhamiinsa Tokkummaa sabdaneessummaan ta’uu himeera.

Kanaaf ammoo barri Diijitaalaa meeshaa olaanaa ta’uun tajaajiluu danda’a.

Bara Diijitaalaa sirnaan yoo hin fayyadamne odeeffannoon sobaa babal’achuun walitti hidhamiinsi gareen muraasaa baayyachuun tokkummaa sabdaneesummaa keenya balaarra buusuun danda’a.

Garee muraasni kunneen gosaan, Amantaan, naannummaa fi faayidaan kan walitti hihdmaniidha.

Faayidaa ofiif jecha biyya diinaaf dabarsanii kunneen badhaadhuu fedhaniidha.

Yaa ta’uutii faayidaalee Diijitaalaa baay’isuun miidhaa isaa hir’isuf garee faallaa kanneen irratti qabsaa’uun gahee hoggansaa fi miseensota paartichaa ta’uu walga’ichaan murtaa’uu ibseera.

Walga’ichaan walitti hidhamiinsa lammiilee babal’isuun hawaasa giddutti hariiroo hawaasaa cimsuuf hojiilee hojjetaman gamaaggamuus himeera.

Walitti hidhamiinsa garee muraasaan sabaaf saboota gidduutti walitti bu’iinsi akka uumamu shirri xaxamaa jiru fashalaa’uu gamaaggamichaan hubatamuu himeera.

Walitti hidhamiinsa lammiilee cimsuun biyya tokkummaa sabdaneessummaan cichoomte hundeessuuf hojiin hojjetamaa jiru bu’aa buusaa jiraachuu ibseera.

Akkasumas hariiroo biyyoota ollaa, Gaanfa Afrikaa fi addunyaa waliin jiru gamaaggamuu himeera.

Hariiroon biyyoota lixaa sababa walitti bu’iinsa kaaba Itiyoophiyaan laafee ture haala duraatti deebi’aa jiraachuu ibseera.

Biyyoota Baha waliinis hariiroon jiru caalmaatti cimaa dhufuu walga’ii gaggeesseen gamaaggamuu paartichi himeera.

Paartichi sochii diinagdee biyyattii ilaalchisess gamaaggama gaggeesseera.

Utubaalee shanan diingdee keessaa, Qonnaa, Albuudaa, Tuurizimii, damee oomishaa fi indaastiriin akkasumas ICT’n, hojiileen hojjetaman dhiyaachuun mariin gaggeeffameera.

Guddinni diingadee waliigalaa %7.2 akka ture galmaa’e eerameera.

Qonnii fi Tajajailli, damee indaastirii walduraa duubaan guddina diinagdeef gahee olaanaa bahaachuu gamaaggamaniiru.

Bara bajata 2016’tti guddinni diinagdee %7.9 akka ta’uu raagameera.

Kana milkeessuufis hoggansi fi ummanni walta’uun hojjechuun akka barbaachiisu murtaa’eera.

Damee Faayinaansiin waliin gahuuf, oomishaaf oomishtummaa qonnaa, bittaa fi raabsaa xaa’oo, daldalaa alaa, omisha albuudaa, dhimmoonni indaastirii sukkara bal’inaan ilaalamuun kallattiin fuulduraa kaa’ameera.

Biyyi keenyaa jijjirama guddaa kan galmeessisatee oomishaa qonnaa Qamadii bonaa, Asharaa Magariisaa bara kanafis milkeessuufis kallattiin fuulduree kaa’ameera.

Carraa hojii uumuu fi qaala’iinsa gabaa tasgabbeessuu fi jireenya ummataa fooyyessuuf hojiilleen hojjetaman kan gamaaggamaman yoo ta’u, tarkaanfiilee fuulduratti fudhatamuu qabanirratti murtoon darbeera.

Hudhaalee pirojektiiwwan Meegaa irratti mul’atan furuun akka xumuramaan taasifama jiraachuunis ibsameera.

Yeroo hafanittis pirojektonni xumuraman akka ebbifaman, rakkoowwan furmaata hinarganneef furmaata laachuun akka xumuramaniif kallattiin kaa’ameera.

Hidha Guddicha Haroomsa Itiyoophiyaa bara bajata 2017’tti xumuruuf hojjetamaa jiraachuun ibsameera.

Gufuu guddina diinagdee keessa tokko walitti bu’iinsa fedhii garee muraasaan umamaniin ta’uun eerameera.

Walitti bu’iinsa kanneen furuuf Paartiin Badhaadhinaa adeemsa isaa saffisisuun, fayyadamummaa ummataa fi nageenyaa waaraa biyyattiitti mirkaneessuuf garee hidhatanii socho’aan waliin filmaanni karaa nagaa cimee akka itti fufu kallattiin kaa’ameera.

Qaamolee gaaffii siyaasaa karaa seera qabeessaan dhiyeessaniif hanga danda’ametti haalota mijjessuuf, kanneen fedhii fi kaayyoo isaanii hidhannoon raawwachiisuuf socho’aanif immoo hojiin olaantummaa seeraa kabachiisuu cimee akka itti fufuu murtoon darbeera.

Itiyoophiyaatti baay’ina ummataa dabalaa dhufee fi fayyadamummaa diinagdeen walqabatee karri galaanaa akka barbaachisuu paartichi kallatti kaa’e bu’uureffachuun, hojiilee gaggeeffaman gamaaggameera.

Waliigaltee Somaaliilaandii waliin mallatteeffames walitti hidhamiinsaa aadaa fi diinagdee naannawaarratti ejjennoo itiyoophiyaan qabdu kan argisiisuudha jedhameera.

Fuuldurattis waliigalticha hojiirra oolchuuf, biyyoota ollaa biroo waliinis filmaatawwan karra galaanaa biroo qajeeltoo kennanii fudhachuun argachuuf xiyyeeffannaan akka hojjetamu murtoo dabarseera.

Hariiroon biyyaalessaa nagaa qabeessi akka jiraatu kan taasisaan keessaa mariin biyyaalessaa akka milkaa’uuf, ce’umsi haqaa fi sagantaa haaromsaa loltoota duraanii karaa sirriin gaggeeffamuun bu’aa akka argamsiisaan, paartchi gahee isaa kan bahatu ta’uu ibseera.

Bu’aalee nageenyaa waliigaltee Piritooriyaan argaman kunuunsuu, hanqinaalee mul’atan guutuun gara nageenya waaraatti akka ce’uuf paartichi tattaaffii eegale cimsee kan itti fufu ta’uu eereera.

Qabsoo keessoo paartichaa cimsuu, seenessii waloo biyyaalessaa Biyyaalessummaarratti bu’uureffate bu’uuressuun, idaa bara dijitaalaa hir’isuun miindaa baay’isuu, odeeffannoowwan sobaa qaamolee garaagaraan gadi lakkifamaniif deebi gahaa kennuun dhaabuu, odeeffannoo sirrii sadarkaa sadarkaan ummataan ga’uu, dandeetti biyyaalessaa saayibaarii fi dijitaalaayizeeshiniif oolaan guddisuu, utubaalee diinagdee shanan irratti daandilee guddinaa eegalaman cimsuu, misooma hawaasummaa saffisiisuu fi qulqullina isaa mirkaneessuu, hariiroo dippiloomaasii gamlamee fi damee hedduun injifannoowwan galmaa’aan babal’isuun, bara baajataa 2016 bu’aan xumuruuf hoggansi, miseensonni, paartileen morkattootaa, tumsitoonni misoomaa fi ummanni gahee irraa eegamu hunda akka bahatan Paartiin Badhaadhinaa waamicha dhiyeesseera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment