Ibsa Izzii Qajeelcha Labsii yeroo ariifachiisarraa kenname

Finfinnee, Onkololeessa 26, 2014 (FBC) – Ajejni (Izziin) Qajeelcha Labsii yeroo ariifachiisaa akkaataa labsii lakkoofsa 5/2014tiin guyyaa har’aa ifatti hojii jalqabuu ibseera.

Izzichi dhimmoota adda addarratti erga mari’atee booda murtoowwan jalqabaa dabarseera.

1. Naannoo Amaaraa, Oromiyaa fi Magaalaa Finfinneetti waraqaan eenyummaa laatamaa jiraachuu Izzichi murkaneesseera.

Har’aa eegalee naannolee fi bulchiinsa magaalichaatti waraqaan eenyummaa jiraattootaa yeroo hin murtoofneen akka hin kennamne dhorkameera.

2. Qaamolee yeroo ammaa adda waraanaatti hiriiree fi hiriiruuf qophii ta’ee alatti magaaloota naannolee, godinaalee fi magaaloota godinaalee fi aanaalee keesatti namni dhuunfaan meeshaa waraanaa hidhatee jiru torbee tokko keessatti akka galmeessanii fi hoggantoonni mootummaa tajaajila si’ataan raawwachiisuu akka qaban ajajni darbeera.

3.Yeroon kun yeroo gibirri itti kaffalamu ta’uu isaan kaffaltoonni gibiraa irraa eegamu yeroon kaffaluun dirqama isaanii akka ba’an hubachiisuun, kaffaltoonni gibiraa gibira akka hin kaffalle kakaasuu fi shororkeessuun daraan dhorkaa ta’uu ibseera.

Hojjettoota Manneen hojii faayidaa dhuunfaaf jecha sassaabbii galii gibiraa gufachiisaniirratti tarkaanfiin seeraa kan fudhatamu ta’uu hubachiiseera.

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment